You are on page 1of 34

Qajeelfama fayyadamaa Sirna

qabiinsa ragaa raawwii


Diriirsuu

TQOn
Misoomaf !

( Automation Manual )

Managing Strategy is Managing Change !


www.oromiya.gov.et

2003
Finfinnee
TQO n Misoomaf !

Gabatee Qabiyyee
Seensa................................................................................................................ 3
1. Sirna Madaallii Buaa Karoora Tarsiimoo (SMBKT) ...................................... 3
2.

Barbachisummaa Sirna Madaallii Buaa Karoora Tarsiimoo (SMBKT ........ 4

3. Sadarkaalee Sirna Madaallii Buaa Karoora Tarsiimoo (SMBKT /BSC) ........ 5


4.

Sirna Ragaa Raawwii Diriirsuu (Automation) ............................................. 6

5.

Sirni Ragaa Raawwii Diriirsuu kun kutaalee gurguddoo afur qaba ............... 7
5.1. Baafata/Menu ........................................................................................ 7
1.1. Uunka Naqa Deetaa/Input sheet ........................................................... 9
1.2. Uunka Hojeeffamaa (Process sheet)........................................................ 13
1.2.1. Maalummaa uunka hojeeffamaa ...................................................... 13
1.2.2. Foormulaa irratti rakkon yoo uumame sirreessuu............................ 13
1.2.3. Evaluation ilaalchisee formulaawwan sirreessuu .............................. 14
1.2.4. Ibsa dogoggoraa (Error detection) ........................................................ 17
1.3. Uunka Baha Deetaa /Output sheet .................................................... 21
1.3.1. Fayidaa Kutaan Uunka Baha Deetaa /Output sheet ........................ 21
1.3.2. Hojilee kutaa kana keessatti raawwataman ...................................... 21

2.

Gosa Uunka Baha Deetaa .......................................................................... 22


2.1. Kallattii Madaallii(Perspectives) .............................................................. 22
2.1.1. Caatoodhaan(graphformat) .............................................................. 22
2.2. Lammii(Customer) ................................................................................. 23
2.2.1. Gabateedhaan (table format) ............................................................ 23
2.2.2. Caatoo(Graphical format) ................................................................. 23
2.3. Faayinaansii(Finance) ............................................................................ 24
2.3.1. Gabateedhaan (table format) ............................................................ 24
2.3.2. Caatoo (Graphical format) ................................................................ 24
2.4. Adeemsa Hojii Keessaa(Internal process)................................................ 25
2.4.1.

Gabateedhaan (table format .......................................................... 25

2.4.2. Caatoo (Graphical format) ................................................................ 26


2.5. Barnoota fi Ijaarsa Dandeeti(Learning and growth)................................. 27
2.5.1. Gabateedhaan (table format) ............................................................ 27
2.5.2.
3.

Caatoo (Graphical format) ............................................................. 27

Jechoota fayyadamnu ................................................................................. 31

Goolaba ........................................................................................................... 33

TQO n Misoomaf !

Seensa
1. Sirna Madaallii Buaa Karoora Tarsiimoo (SMBKT)
Dhaabbileen dhuunfaas taan manneen hojii mootummaa jaarraa odeeffannoo
keessa jiraatan haala fi sochii walxaxaa tae fi dorgommii gama sochii siyaasdinagdee fi hawwaasummaatiin taasifamaa jiru keessa darbuuf karoora
hirmaachisummaa,

iftoominaa

fi

ittigaafatamummaa

qabu

qopheessanii

raawwachuu, yeroo yeroodhaan madaaluu fi buaa fi hanqina raawwii keessatti


argame irratti hundaauun tarkaanfii sirreessaa fudhachuun irra eeggama.
Adeemsa walxaxaa addunyaa guyyaa guyyaan jijjiiramaa deemu kana keessatti
rakkoo ijoon gama kanaan manneen hojii mudatu ergama maaliif akka
dhaabbatan adda baasanii beekuu fi isa qofaanis hogganamuu dhabuu dha.
Kanumaan walqabatee ergama isaanii galmaan geessuudhaan itti quufinsa
maamilaa fi dhimmamtootaa fiduuf aarsaa guddaa kaffaluu fi dorgommii cimaa
tae injifatanii argamuun dirqama itti taa. Injifannoo kana gonfachuuf akka
isaan gargaaru hojii isaanii karoorsu, hogganuu fi buaalee guyyaa guyyaan
dhufaa jiru safaruu fi madaaluun

tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa deemuun

murteessaa dha.
Waan kana taeef, sirna madaallii buaa karoora

tarsiimoo haala sochii

dinagdee fi hawaasummaa saffinaan jijjiramaa deemu waliin walsimu, jijjirama


teeknoloojii, fedhii tiraanisfoormeeshinii mana hojii mootummaa guutuu fi
madaalawaa (balanced) tae

akkasumas sochii fi tajaajila kennamu hunda kan

toachuu dandau qoratanii diriirsuun murteessaa taa. Kanaaf Sirni Madaallii


Buaa

karoora

tarsiimoo

(SMBKT

/BSC/)

rakkoolee

manneen

hojii

gamaaggamaan raawwii hojii isaan qunnamaa ture hiikuudhaaf akka falaatti


yaadamee kan jalqabamee dha.

TQO n Misoomaf !

2. Barbachisummaa Sirna Madaallii Buaa Karoora Tarsiimoo

(SMBKT)
Madaalliin faayinaansii qofa irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa ture, hojiilee buaa
fiduu dandaan kan akka ogummaa, dorgomaa tauu dandauu fi kakaumsa
hojjattootaa, teekinoloojii odeeffannoo, adeemsaalee hojii gahumsaa fi buaa
qabeessummaa

qaban,

kenniinsa

tajaajilaa,

walitti

dhufeenyaa

fi

amanamummaa maamilaatiif qaban, gaggeessummaa siyaasaa fi milkaaina


hawaasummaa

buaa barbaadame fiduu hindandeenye. Kanaafuu, jaarraa

dorggommii beekumsa irratti hundaae keessatti dandeettiin mana hojii


qabeenyaa qabatamaan hinmulanne (intangible asset) cimsuu fi gabbisanii
sochoosuun murteessaa dha.
Hanqinaalee gama kanaan mulatan hiikuuf akka furmaataatti yaadamee Sirni
Madaallii Buaa karoora tarsiimoo (SMBKT /BSC/) qoratamee hojii irra
oolchuun murteessadha. Faayidaan inni guddaa jalqaba irratti itti hin
yaadamee fi hojii irraa oolmaa BSCtiin mulate Sirni Madaallii Buaa karoora
tarsiimoo (SMBKT /BSC/)n raawwii hojii madaaluun cinaatti ijaarsaa fi
akkaataa hojii irra oolmaa tarsiimoo haaraatiif gumaachii isaa fi dhaabbileen
tarsiimoo isaanii hojiilee guyyaa guyyaan

adeemsaalee hojii, garee fi nama

dhuunfaa waliin walitti hidhanii itti fayyadamuu isaanii akkasumas meeshaa


hoggansaa fi qunnamtii tauudhaan tajaajiluu dandau isaati.
Akka Biyyaattis taee akka Naannootti sirna jijjiirama ariifachiisaa fi itti fufiinsa
qabu akkasumas fedhii ummataa fi jijjiirama addunyaa yeroodha yerootti
dhufaa jiru waliin deemudhaaf meeshaa rifoormii kanaan dura hojii irra oolan
wajjiin waldeeggaru Sirna Madaallii Buaa karoora tarsiimoo (SMBKT /BSC)
hojii irra oolchuun murteessaa dha.

TQO n Misoomaf !

Rakkiinalee

rawwii

mana

hojii

keenya

keessaa

ture haala

qindaae

fi

gadifageenya qabuun raawwatamuu dhabuu, buaan akka barbaadametti osoo


hintain buaa dhunfaa qofa adda baasanii ilaaluu irratti kan xiyyeeffate tauu,
sochii guyyaa guyyaan

mana hojii tarsiimoo waliin walitti hidhanii deemuu

dhabuu fi adeemsa tarsiimoaa hordofuu irra haala ciccitaa taeen hogganamuu,


buaalee xixiqqaa fi irra deddeebiidhaan hojjatamu irrati xiyyeeffachuu fi sirni
hordoffii fi gamaaggamaa cimina kan hinqabaanne tauun isaa hubatameera.
Haa tauu malee, haalli raawwii isaa madaallii raawwii hojii mana hojii, garee fi
namoota dhuunfaa waliin kan walhinqabsiisne fi raawwii nama dhuunfaa qofa
irratti kan xiyyeeffate waan taeef hanqina kana guutuu fi raawwii tarsiimoo
mana hojii irraa jalqabuun sadarkaa sadarkaadhaan walitti hidhanii hogganuu
fi

itti

fufiinsaan

fooyyeessuf

sirna

madaallii

buureeffate

diriirsuun

barbaachisaa dha.
Kanuma buureeffachuun Bulchinsii Motummaa Naannoo oromiyaa sanada
qorannoo sirna madaallii bua karoora tarsiimoo waggoota shanan dhufanii
qopheessuun olii hanga gaditti hojii irra olchuuf qophii taasiisaa jira.
Walumaa galatti buaa qorannoo kanaa sirna kenna tajaajilaa saffisaa fi
qulqulina

qabu

diriirsuu

fi

ammayyeessuun

imaammataa

fi

tarsiimoo

misoomaa, sirna dimokiraasii fi bulchiinsa gaarii dhugoomsuudhaaf yaadamee


karoorri guddinaa fi tiraanisfoormeshinii akka biyyaattis tae akka naannootti
qophaae galmaan geessisuu keessatti qooda olaanaa qaba.

3. Sadarkaalee Sirna Madaallii Buaa Karoora Tarsiimoo (SMBKT


/BSC)
Dookumantiin Sirna Madaallii Buaa Karoora Tarsiimoo (SMBKT/ BSC)
Mootummaa Naannoo Oromiyaaf qophaahe kun kutaa lama of-keessaa qaba.
Kutaan

tokkoffaa,

Tarsiimooaa/Balanced

kunis:Ijaarsa

Sirna

Scorecard

Building

Madaallii
Phase)

TQO n Misoomaf !

Buaa
yoo

tau;

Karoora
kutaan

lammaffaan ammoo, Hojii irra oolmaa Sirna Madaallii Buaa Karoora Tarsiimoo
/Balanced Scorecard Implementation Phase) jedhamee beekkama.
Kutaa tokkoffaan, sadarkaalee jaha: sakattaiinsa mana hojii (environmental
scan), toora xiyyeeffannoo tarsiimoaa (strategic themes), kaayyolee tarsiimoaa
(strategic objectives), maappii tarsiimoaa (strategic maps), safartuulee raawwii
tarsiimoaa

(strategic

performance

measures),

fi

tarkaanfilee

tarsiimoaa

(strategic initiatives) kan agarsiisu yoo tau; kutaa lammaffaan: Sirna ragaa
raawwii diriirsuu (automation), hojiilee qaamolee raawatuuf gadibuusuu fi
hordoffii, gamaaggama, madaallii fi duub-deebii kan agarsiisu taee qophaaeera.

4.Sirna Ragaa Raawwii Diriirsuu (Automation)


Sadarkaa kanatti sirna qabiinsa ragaa isaa guutumaan guututti koomputaraan
akka deeggaramu sadarkaa itti taasiifamuu dha. Sirni ragaa diriiru kun ragaa
funaanuuf, xiinxaluu fi gabaasuuf kan dandeessisu dha.
Ragaa (data) fi odeeffannoo (information) kenniinsa murtee fi barumsa kennu
sirna adda baasu uumuudhaan akkuma barbaachisummaa isaatti sadarkaa
gidduu galeessaa fi hanga sadarkaa gadiitti sirnaan qabaachuun qaama
raawwachiftuu hundaaf faayidaa akka kennu taasisuun barbaachisaadha.
Kanuma buura godhachuun sirna Ragaa Raawwii ofummeessu Diriirsuu (
Automation ) haala qabatamaa jiru waliin deeggaruuf qoratamee xumurameera.
Sirnaa odeeffaannoo fi raga keenya sirna qabiinsa ragaa raawwii ammayyaaaa
(Automation ) n deegaruun keenya:
Raawwiin Sirni Madaallii Buaa karoora tarsiimoo (SMBKT /BSC/) itti
fufiinsaa fi siaayina akka qabaatu taasisa,
Sirna ragaa walitti qabuu salphaa fi ifa akka tauu ni gargaara,
Gabaasa bifa salphaan fi siaayina qabun qopheessuuf ni gargaara,
Walqunnamtiin ragaalee akka wal irraa hin cinne gochuu fi kkkf.
TQO n Misoomaf !

Sirna Ragaa Raawwii diriirsuu kana diriirsuuf filannoowwan adda addaattu jira.
Akkaa fakkeenyaattii :- Moseejjiwan BSC(BSC softwers) fi Aplikeeshinoota
deeskitoopii Desktop approach application dha .Akka Bulchiinsa Mootummaa
Naannoo oromiyaatti yeroodhaaf kan filatamee Excel Application yommuu
tauu. Desktop approach application kun kanfilatamuu dandaeef baasii kan
qusatuu fi bifaa salphaa taeen namnii kamiyuu iddoo jiruttii yeroo kamiyuu itti
fayyadamu akka dandauu ta uu isaati.Dabaalatanis namnii beekumsaa
komputaraa hedduu hin qabnee leenii gabaaba fudhachuun haala salphaa
taeen kan ittii fayyaadamuu dandaauu dha.
Haaluma kanaan manuwaaliin itti fayyadama Sirna Ragaa Raawwii diriirsuu
kana qopheessuun qaama raawwatuuf kan dhiyaatu taee, ibsa gabaabaa
baafata sirnichaa akka armaan gadiitti kan kaawwamee taa.

5. Sirni Ragaa Raawwii Diriirsuu kun kutaalee gurguddoo afur


qaba
1. Baafata/Menu
2. Uunka Naqa /Input sheet
3. Uunka hojeeffama / Process Sheet
4. Uunka Baha /Output sheet

5.1. Baafata/Menu
Kutaan kun kuta dursee nu quunnamu yeroo tauu kutaan kun gara Skoorkaardii gara garaatti deemuuf kutaa nu fayyaduudha. Kuutaa kana gara Skoorkaardii Biiroo/Waajjiraa walii galaa /Corporate score card, Skoor kaardii
Adeemsaalee hojii, Skoor kaardii Gareelee, gabaasa gabatee fi gabaasa giraafiitti
kan nu geessuudha.

TQO n Misoomaf !

Fakkii 5.1.1: Baafata/Menu


Dizayiniin bafaata/menu kun Geessituu (link) 5(shan) of keessaa qaba.
Isaanis:a. Geessituu Kallatti Madallii afuraniitti (Input sheet link) deemu
b. Geessituu gara Uunka hojeeffama (Process Sheet link) deemu
c. Geessituu gara Uunka Baha (Output sheet link ) deemu
d. Geessituu gara Iskoor Kaardii deemu
e. Geessituu gara Mappii walii gala deemu
Ibsa geessituuwwan (links) armaan olii kana akka armaan gaditti kaaamee jira.
Geessituu Kallatti Madallii afuraniitti (Input sheet link ) deemu:linkiin(geessituun) kun gessituu gara Kutaa naqa Deetaattii nu geesituu
dha.
TQO n Misoomaf !

Geessituu gara Uunka hojeeffama (Process Sheet link) deemu:-linkiin


(geesituun)kun gessituu gara Kutaa Uunka hojeeffama (Process Sheet link)
nu geessitudha.
Geessituu gara Uunka Baha Deetaa (Output sheet link ) deemu:- linkiin
(geesituun)kun gessituu gara Kutaa baha deetaatti nu geessitu dha.
Geessituu(Link) gara Iskoor Kaardii deemu :- linkiin (geesituun)kun gessituu
gara Kutaa Iskoor kardiitti nu geessitu dha.
Geessituu(Link ) gara Mappii walii gala deemu :- linkiin (geesituun)kun
gessituu gara Mappii waliigalaatti nu geessitudha.

Dabalataanis bafaata/menu irraatti


Mulata
Ergama fi
Dudhaalee mana hojii arganna.

1.1. Uunka Naqa Deetaa/Input sheet


Formii naqa deetaa (Input sheet)n iddoo raawiin rawwatamee safartuu
safartudhaan safarame(madaalamee) ittii galuu dha.
Raawiin rawwatamee akkaataa ibsa deetaa (data definition) irratti gutameen
safaramee eerga dhufee booda seelii qophaeef keessatti gutama. Seelii kana
keessa immo karaa walitti hidhamiinsa/geessiituu umameefin gara Uunka
hojeeffamaa (Process Sheet ) deema. Uunka hojeeffamaa (Process Sheet )
keessatti ragaa kauumsa(baseline) fi mannii(target) wajjiin wal- biratti
madalamee ,dhibbeentaatti jijjiramee gara Uunka naqa deetaa (Input sheet)
TQO n Misoomaf !

isaa qophaee keessatti mulata. As irrattii wantii hubatamuu qabu deetaan


galu lakkoofsaa, parsantiidhaa/reeshoon tauu dandaa .
Dabalataanis Kutaa kanaa irraatti iddoo/seelii Rawwiin dimshaasha fi Baajata
Hojii Irra oole kan itti gutamuu of keessaa kan qabuudha.
Uunka naqa deetaa (Input sheet) kana irrattii raawiin rawwatamee kan itti
guttaaman kallaattiiwan afranii, jechuunis kallaattiiwwan maamila, faaynaansii,
Adeemsaa keessaa fi kallaatti Ijaarsa dandeettii qophaaaniin kan ittiin
madaalaman yookiin safaramanii dha.
Kana malees Uunka naqa deetaa (Input sheet) kana irrattii geessituwwaan
(linkiiwaan) Gara bafataa (Menu) fi gara baha deetaa(report sheet) deemu kan of
keessatti hammatuu dha.

Argiisisa kallaattiwan Afran(4)n galcha Deetaa.

TQO n Misoomaf !

10

Fakkii 5.2.1: Kallaattii Maamilaa

Fakkii 5.2.2: Kallaattii Faaynaansii


TQO n Misoomaf !

11

Fakkii 5.2.3: Kallaattii Adeemsaa keessa

TQO n Misoomaf !

12

Fakkii 5.2.4: Kallaattii Ijaarsa Dandeettii

1.2. Uunka Hojeeffamaa (Process sheet)


1.2.1. Maalummaa uunka hojeeffamaa

Kutaan kun formulaa adda addaa fayyadamudhaan ragaa raawwii hojii fi


bajataa kutaa naqa deetaa (input sheet) irraatti guutamu fudhatee manii
hojii fi bajataa yeroo irratti hundaaee karoorfame waliin wal dorgomsiisee
shallaguuf kan nu gargaarudha.
Kutaan kun uunka baha deetaa (report sheet) tiif akka galtee guutuutti
kan gargaaru yoo tau dabalataan uunka naqa deetaatiifis (input sheet)
akka galteetti kan gargaarudha.
Kutaan kun odeeffannoon iddoo itti ibsaman, mannii, ulfaatinni
safartuulee fi k.k.f. iddoo itti guutaman waan taeef kutaawwan kanneen
biroo caalaatti eegumsaa fi eeggannoo cimaa gochuufiin barbaachisaa
dha. Kanaafuu kutaa kana keessatti dogoggorri foormulaa fi rakkoon
shallaggii kamiyyuu yoo nu qunname siirreeffama adda addaa gochuuf
seenuun dura Iggitaa (password) akka gaafatu taasifameera.
Hojiiwwan gurguddoon kutaa kana keessatti hojjetaman:1) Foormulaawwan irratti rakkon yeroo uumame sirreessuu
2) Walitti hidhamiinsa (linkage)uunki hojeeffamaa(process sheet) kutaalee
akka galteetti irraa fayyadamu waliin qabu sirreessuu
3) Ragalee ijoo kanneen akka mannii raawwii hojii fi bajeta safartuulee
tarsiimoo, ragaa buuuraa (baseline) safartuulee tarsiimoo guutuu
1.2.2. Foormulaa irratti rakkon yoo uumame sirreessuu

Unki hojeeffamaa olaantummaadhaan formulaawwan gosa lama of


keessatti kan qabate dha. Isaanis:Formulaa buaa raawwii, deetaan gale mannii walin qaban safaru
(Evaluation)
Formulaa Ibsa dogoggoraa irra deddeebianii uumaman ibsu
(Error Detection)

TQO n Misoomaf !

13

Kanaafuu rakkoowwan formulaa waliigalaa kana irratti uumaman


sirreessuuf dursa tokkon tokkon foormulaa kanaa hubachuun barbaachisaa
taa.

1.2.3.

Evaluation ilaalchisee formulaawwan sirreessuu

Formulaawwan kutaa kana jala jiran formulaa kurmaanaa fi waggaa


jedhamuun bakka lamatti kan hiraman yoo tau, tokkon tokkon isaanii
keessatti formulaan safartuu tarsiimoo, kaayyoolee tarsiimoo fi kallattii
madaallii shallaguuf gargaaran hojjatamanii dhihaataniiru.
i. Formulaawwan Kurmaanaa:
Tokkon tokkon Kurmaana waggaatiif formulaan raawwii hojii fi bajeta
hojii irra oole shallaguuf fayyadan hojjatamanii kan dhihaatan yoo
tau, rakkoowwan isaan irratti uumamu dandaan kamiyyuu sirreesuuf
yookiin formulaawwan dhihaatan kana hubachuuf kan gargaaran
qabxiiwwan ijoo taan kutaa kana keessatti balinaan ibsamu.
ii. Raawwii hojii ilaalchisee
a) Safartuu Tarsiimootiif (Measures)
Safartuu Tarsiimoo Kurmaana tokkoffaatiif
Ibsa
T1=TARGET
B1=BASELINE
P1=PERFORMANCE
A1=ABSOLUTE VALUE OF THE DIFFERECE OF BASE LINE AND
b)

TARGET

=IF( T1=""," Mannii galchi",IF(P1="","Raawwii galchi",IF(AND(T1=B1,P1>B1),(P1T1)/A1+1,IF(AND(B1>T1,P1=0),0,IF(B1>T1,(B1-P1)/A1,IF(T1=P1,1,(P1B1)/A1))))))


TQO n Misoomaf !

14

Maniin tarsiimoo raga buuuraa yoo caale


PERFORMANCE(P) equal to zero:- if(or(T1>B1,P1=0),0)
PERFORMANCE(P) greater than zero:- if(or(T1>B1,(P1-B1)/(A1))
Maniin tarsiimoo raga buuuraatii gadi yoo tae
PERFORMANCE(P) equal to zero:- if(or(T1<B1,P1=0),0)
PERFORMANCE(P) greater than zero:- if(or(T1<B1,(P1-B1)/(A1))

Safartuu Tarsiimoo Kurmaana lammaffaatiif


Ibsa
T2=TARGET
B2=BASELINE
P2=PERFORMANCE
A2=ABSOLUTE VALUE OF THE DIFFERECE OF BASE LINE AND
TARGET
=IF( T2=" "," Mannii galchi",IF(P2=" ","Raawwii galchi",IF(AND(T1=B2,P2>B2),(P2T2)/Q12+1,IF(AND(B2>T2,P2=0),0,IF(B2>T2,(B2-P2)/Q12,IF(T2=P2,1,(P2B2)/A2))))))
Manniin tarsiimoo raga buuuraa yoo caale
PERFORMANCE(P) equal to zero:- if(or(T2>B2,P2=0),0)
PERFORMANCE(P) greater than zero:- if(or(T2>B2,(P2-B2)/(A2))
Maniin tarsiimoo raga buuuraa gadi yoo tae
PERFORMANCE(P) equal to zero:- if(or(T2<B2,P2=0),0)
PERFORMANCE(P) greater than zero:- if(or(T2<B2,(P2-B2)/(A2))
Hub. Kurmaana sadaffaa fi afraffaatiifis haaluma kurmaana lammaffaa
kanan hojjetama.
c) Kaayyoolee tarsiimootiif (Objectives)
Ibsa
TQO n Misoomaf !

15

M=MEASURES RESULT
W=WEIGHT ASSIGNED TO EACH MEASURES
n= NUMBER OF MEASURES
If(or(M1,.,.,.,Mn-1=Manii galchi),Manii galchi, if(w=Ulfaatina sirrii
galchi, Ulfaatina sirrii galchi, (

)))

d) Kallattii madaallii tarsiimootiif (Perispectives)


Ibsa
O=OBJECTIVES
n= NUMBER OF OBJECTIVE
If(or(O1,.,.,.,On-1=Manii

galchi,

if(0r(O1,.,.,,On-1=Ulfaatina

galchi,Ulfaatina sirrii galchi,(

sirrii

))

iii. Raawwii bajetaa ilaalchisee


a) Kaayyoolee tarssimootiif
Ibsa
Tb=TARGET FOR BUDGET
Pb=PERFORMANCE OF BUDGET UTILIZATION
If(Tb=0,Bajeta galchi,if(or(Tb>0,Pb=0),0,Pb/Tb))
b) Kallattii madaallii tarssimootiif
Ibsa
Ob=OBJECTIVES RESULT OF BUDGET
n= NUMBER OF OBJECTIVE
If(or(Ob1,.,.,.,Obn-1=Bajeta galchi),Bajeta galchi,(

c) Shallaggii Ulfaatina safartuu tarsiimoo (weight validation)


Wn=WEIGHT ASSIGNED TO MEASURES OF A GIVEN OBJECTIVES
IF(

<>1,"Ulfaatina sirrii galchi","Sirriidha")

TQO n Misoomaf !

16

1.2.4.

Ibsa dogoggoraa (Error detection)

Kutaa kana keessatti dogoggoroota fayyadamtoota muudachuu dandaan


eeruuf akkasumas formulaan hojii isaa hojechuu eegaluu akka dandau,
duraan dursee wantootni guutamuu qaban akka guutaman kan ibsudha.
i.

Foormulaa Raawwii Hojii


a. Safartuu tarsiimootiif (Measures)
Formulaa safartuu tarsiimoo irratti ibsi dogoggoraa Mannii galchi
jedhu yoo jiraate, fayyadamtootni mannii safartuu tarsiimoo osoo hin
galchin hojii kamiyyuu hojechuu akka hin dandeenyee fi jalqaba
manniin safartuu tarsiimoo sanaa galchuu akka qaban kan ibsudha.

b. Kaayyoolee tarsiimootiif (Objectives)


Formulaa kaayyoolee tarsiimoo irratti ibsi dogoggoraa Mannii galchi
jedhu yoo jiraate, safartuuwwan tarsiimoo kaayyoo sana jalatti
argaman keessaa yoo xiqqaate isa tokkoof manniin akka hin galin kan
ibsu fi fayyadamtootni mannii safartuu tarsiimoo osoo hin galchin
buaa kaayyoo tarsiimoo sanaa beekuu akka hin dandeenye fi jalqaba
mannii galchuu akka qaban kan ibsu yemmuu tau Ulfaatina sirrii tae
galchi kan jedhu ammoo idaamni ulfaatina safartuuwwan tarsiimoo
kaayyoo sana jala jiraanii 100% kan hin caalle yookiin kan hiranne
tauu mirkaneeffachuuf kan gargaarudha.
c. Kallattii madaallii tarsiimootiif (Perispectives)
Formulaa kallattii madaallii tarsiimoo irratti ibsi dogoggoraa Mannii
galchi jedhu yoo jiraate, safartuuwwan tarsiimoo kaayyoo sana jalatti
argaman keessaa yoo xiqqaate isa tokkoof manniin akka hin galin kan
TQO n Misoomaf !
17

ibsu yoo tau, fayyadamtootni mannii safartuu tarsiimoo osoo hin


galchin buaa kaayyoo tarsiimoo sanaa beekuu akka hin dandeenye fi
dursa mannii galchuu akka qaban kan ibsu yemmuu tau Ulfaatina
sirrii tae galchi kan jedhu ammoo idaamni ulfaatina safartuuwwan
tarsiimoo kaayyoo sana jala jiraanii 100% kan hin caalle yookiin kan
hiranne tauu mirkaneeffachuuf kan gargaarudha.
ii.

Formulaa Raawwii bajetaa


a. Kaayyoolee tarsiimootiif (Objectives)
Formulaa kaayyoolee tarsiimoo irratti ibsi dogoggoraa Bajeta galchi
jedhu yoo jiraate, fayyadamtootni bajata kaayyoo sanaaf ramadame
akka hin galin kan eeruu fi raawwii bajataa shallaguuf dursa bajata
kaayyoo sanaf ramadame galchuu akka qaban kan ibsudha.
b. Kallattii madaallii tarsiimootiif (Perispectives)
Formulaa kallattii madaallii tarsiimoo irratti ibsi dogoggoraa Bajeta
galchi jedhu yoo jiraate, kaayyoolee tarsiimoo kallattii madaallii sana
jalatti argaman keessaa yoo xiqqaate isa tokkoof bajetni akka hin galin
kan ibsu yoo tau, fayyadamtootni bajeta kaayyoo tarsiimoo osoo hin
galchin buaa bajataa kallattii madaallii tarsiimoo sanaa beekuu akka
hin dandeenye fi dursa bajeta galchuu akka qaban kan ibsudha.

Geessituu (link) sirreessuu

Uuki hojeeffamaa (process sheet) shiitiin(sheet) akka galteetti itti


fayyadamu

Lammii/maamila(Customer)

Bajeta (Finance)

Kallatti madaalli naqa

deetaa
Adeemsa Hojii keessaa (IBP)

(Perspective input

sheets)
Ijaarsa dandeettii (LG)

TQO n Misoomaf !

18

Shiitonni shiitii hojeeffamaa akka galteetti fayyadaman


1. Shiitii baha deetaa (Output sheet)
2. Shiitii naqa deetaa (Input sheet)
Shiitiin galcha deetaa (Input sheet) shiitii hojeeffamaa (Process
sheet) akka galteetti fayyadama.
o

Lammii/maamila(Customer)

Bajeta (Finance)

Adeemsa Hojii keessaa (IBP)

Safartuulee tarsiimoo

qofa
o

Ijaarsa dandeettii (LG)

Ragaalee/Daataawwan uunka hojeeffamaa irratti guutaman


Ragaa buuuraa bara 2002
Mannii raawwii waggaa fi kurmaanaa
Mannii bajata waggaa fi kurmaanaa
Ulfaatina safartuu tarsiimoo

Formii Rawwii fi mannii (Process Sheet) irratti guutaman

TQO n Misoomaf !

19

Fakkii 5.3.1: Formii Rawwii fi mannii/ Process Sheet

TQO n Misoomaf !

20

1.3. Uunka Baha Deetaa /Output sheet


Kutaan Uunka Baha Deetaa /Output sheet kun kan agarsiisu sadarkaa isa
dhumaa kan hojiin adda addaa kahumsaa(baseline) fi mannii(target) irrati
hundauudhaan

hojatame

buaan

isaanii

kurmaanan

jia

jaaan

fi

waggaadhaan argamuu(agarsiifamuu) dha.

1.3.1. Fayidaa Kutaan Uunka Baha Deetaa /Output sheet

Manni

hojii

tokko

hangam

mannii(target)

kahame

sana

irrati

hundaahuudhaan hojii hojjatame ittiin ofi madaaluuf ni dandeesisa.

Cimina fi dadhabbina addaan baafatanii beekuuf,akkasumas gara


fuulduraatis maal irrati xiyyeefatanii akka hojachuu dandaan beekuuf
nama gargaara.

Gabaasa ifaa fi gababaa taee yeroo itti barbaadameetti

hogantoota fi

qaama ilaalatu hundaaf akka salphaati dhiheesuuf ni gargaara.

1.3.2. Hojilee kutaa kana keessatti raawwataman

Kallattii hundaaf raawwii waligalaa, bajata hojii irra oolee fi hafe


kurmaana fi waggaadhaan parsaanta (%) dhaan agarsiifamaniiru.

Tokkoon

tokkoo

kaayyolee

kallattiiwwan

jala

jiraniif

raawwii

waliigalaa,bajata hojii irra oolee fi hafe kurmaana fi waggaadhan


hojatamaniiru.

Raawwii waliigala,bajata hojii irra oolee fi hafe Kallattiiwwan hundaa fi


kaayyoolee kallattiiwwan jala jiraniif dhuma kurmaanaa fi waggaa irratti
gabatee fi caatoodhaan(graph) agarsiifamaniiru.

TQO n Misoomaf !

21

2. Gosa Uunka Baha Deetaa


2.1. Kallattii Madaallii(Perspectives)
Kutaan kun kan agarsiisu raawwii waliigalaa,bajata hojii irra oolee fi hafe
tokkoon

tokkoon dhuma

parseentii (%)dhaan

kurmaana

fi

waggaa

gabatee fi caatoodhaan(graph)

irratti kallattiiwwaniif
kan baasu(agarsiisuu

)dha.
Gabateedhaan(table format)

2.1.1. Caatoodhaan(graphformat)

TQO n Misoomaf !

22

2.2. Lammii(Customer)
Kutaan kun kan agarsiisu raawwii waliigalaa,bajata hojii irra oolee fi hafe
tokkoon tokkoon dhuma kurmaanaa fi waggaa irratti kaayyoolee kallattii kana
jala jiraanii fi kallatiidhaafis %dhaan gabatee fi caatoodhaan(graph) kan
baasu(agarsiisuu )dha.

2.2.1. Gabateedhaan (table format)

2.2.2. Caatoo(Graphical format)

TQO n Misoomaf !

23

2.3. Faayinaansii(Finance)
Kutaan kun kan agarsiisu raawwii waliigalaa,bajata hojii irra oolee fi hafe
tokkoon tokkoon dhuma kurmaanaa fi waggaa irratti kaayyoolee kallattii
kana jala jiraanii fi kallatiidhaafis %dhaan gabatee fi Caatoodhaan kan
baasu(agarsiisuu )dha.

2.3.1. Gabateedhaan (table format)

2.3.2. Caatoo (Graphical format)

TQO n Misoomaf !

24

2.4. Adeemsa Hojii Keessaa(Internal process)


Kutaan kun kan agarsiisu raawwii waliigalaa,bajata hojii irra oolee fi hafe
tokkoon tokkoon dhuma kurmaanaa fi waggaa irratti kaayyoolee kallattii
kana jala jiraanii fi kallatiidhaafis %dhaan gabatee fi caatoodhaan(graph)
kan baasu(agarsiisuu )dha.
2.4.1. Gabateedhaan (table format)

TQO n Misoomaf !

25

2.4.2. Caatoo (Graphical format)

TQO n Misoomaf !

26

2.5. Barnoota fi Ijaarsa Dandeeti(Learning and growth)


Kutaan kun kan agarsiisu raawwii waliigalaa,bajata hojii irra oolee fi hafe
tokkoon tokkoon dhuma kurmaanaa fi waggaa irratti kaayyoolee kallattii
kana jala jiraanii fi kallatiidhaafis %dhaan gabatee fi caatoodhaan(graph)
kan baasu(agarsiisuu )dha.

2.5.1. Gabateedhaan (table format)

2.5.2. Caatoo (Graphical format)

TQO n Misoomaf !

27

Maloota Hojii Irra Oolmaa Sirna Hoggansa Ragaa Raawwii

Hubannoo hojjattootaa cimsuuf leenjiwwan SMBKT fi Sirna hoggansa ragaa raawwii irratti
hojjattootaaf kennuu.
Miidiyaa adda addaa tti fayyadamuun hubannoo hawaasaa cimsuu
Ogeessota TQO sadarkaa sadarkaan jiraniif leenjii leenjistootaa kennuu
Waltajjiiwwan marii adda addaa hojii irra oolmaa Sirna hoggansa raga raawwii irratti
gaggeessuu
Sakattaiinsa hanqina sirnichaa irratti gaggeessuun mala furmaataa kaayuu
Fulduratti sirnicha jajjabeessuu fi hanqina jiru gutumaa guututti balleessuuf sirna biraa
qorachuuf haala mijeessuu
Hordoffii fi deeggarsa wal irraa hin cinne taasisuu

Maloota hojii irra oolmaa Sirna Hoggansa Ragaa Raawwii


1. Orrenteeshinii Kennuu
-

Hoggansa sadarkaa sadarkaan jiraniif orenteeshinii faaydaa fi buaa sirna hoggansa ragaa raawwii
irratti kennuu

Hojjattoota fi raawwattoota sadarkaa sadarkaan jiraniif orenteeshinii hubannoo cimsu kennuu

Ogeessota TQO sadarkaa sadarkaan jiraniif orenteeshinii hubannoo cimsuu kennuu

Koree teeknika SMBKT naannichaaf orenteeshinii hubannoo cimsu laachuu


Leenjii ogeessota TQO sadarkaa sadarkaan jiranii fi raawwattootaaf kennuu

2. Waltajjii Marii Qopheessuu


Orreenteeshinii fi leenjiin booda raawwiin karoora kominikeeshinii waltajjii marii taasisuudhaan itti fufa.
Marichis qaamolee irratti xiyyeeffatu (Target groups) adda baasuun kan gaggeeffamu taa. Haala kanaan:-

Leenjitootni sirnicha irratti leenjii fudhatan waajjira Siivil Sarvisii fi Bulchiinsa Garii Godinaa Waliin
Waltajjii Marii ni gaggeessuu

ogeeyyiin TQO godinaa ogeessota TQO aanaa waliin waltajjii marii ni gaggeeessu

Wanta Maricha irratti dhiyaatu


-

Rakkoolee hojii irra oolmaa Sirna hoggansa ragaa raawwii irratti mulatan

Hanqinnaallee gama sirnichaatiin mulatan

Galmoota keenya bira akka hin geenye kanneen gufuu taaa jiran rakkoolee teknikaa fi burqaa
isaanii.

Rakkoolee seektara Godinaa fi Aanaa irraa kaan

Hojiilee gama fuulduraatti hojjatamuu qaban

TQO n Misoomaf !

28

3. Waltajjiiwwan Gamaggamaa Balinaan Fayyadamuu


-

Gamaggamni kan taasifamu gamaggamamuu qaba yaada jedhuuf osoo hin taiin buaa qabatamaa
fidhuudhaafi.

Gamaggamni raawwiin adda tae dhufuu fi dhufuu dhiisuu isaa agarsiisuudhaan isa booda ilaalchi
addaa uumamuu fi uumamuu dhabuu isaa sakattauuf meeshaa dandauu fi isa sirriidha. Waan
taeefuu jijjiirama ilaalcha fiduudhaan haala mijataa kan uumuu fi meeshaa jijjiiramicha
ariifachiisuudha.

Gamaaggamni jijjiirama ilaalchaa isa yaadame akka fidu yoo barbaadame karooraan kan
gaggeffamu, sagantaa dhaabbaataa fi itti fufinsa kan qabu tauu qaba.

Gamaggamni jijjiirama ilaalchaa barbaadame fiduu kan dandau raawwii hojii irratti hundaaee yoo
gaggeeffamedha.

Buaan gamaggamaa kan milkoofne tae kan hin milkoofne beekamee namni akka irraa baratu
taasisuun barbaachisaa dha.

Gamaaggamni taasifamu dhimmoota ijoo irratti kan xiyyeeffatan, ilaalcha uumamuu barbaadu
waliin kan walitti hidhatanii fi hundee irraa tauu qaba.

1.4 Miidiyaatti Fayyadamuu


Hojii irra oolmaa sirna hoggansa ragaa raawwiitiif miidiyaa adda addaatti fayyadamuun gaaffilee gama
teknikaatinii fi gama biraatiin ka'an irratti hundaayuun midiyaa tti fayyadamuun galma ga'iinsa sirnichaatiif
haala mijeessuun barbaachisaa dha. Haaluma kanaan tajaajiloota EMTQOO qabu tti ga'uumsaan
fayyadamuun barbaachisaa dha.
Mail serverii
Weeb Poortaalii fi weeb saaytii adda addaa
Tajaajila Viidiyoo koonfaransii
Interneetii
Tajaajila Directory service
Biroocharii adda addaa
Bilbila fi maashina faaksii

4. Leenjii Kennuu
Leenjiin akkaataa yaadamaa jijjiiruuf gahee mataa isaa ni qabaata. Waan taeefis ilaalcha jijjiruuf sochii
taasisuu keessaa tokko waltajjiiwwan keenya waltajjii leenjii taasisuu dha. Leenjiin waan hojjennu irratti
hubannoo kan uumu, daangaa yaaduu keenyaa kan balisuu, rincica kan xiqqeessuu fi ilaalcha sirrii
qabsiisuuf kan gargaaru dha. Haala kanaan karoora kominikeeshinii sirna hoggansa ragaa raawwii keenya
jijjiiramaa keenya hojiirraa oolchuuf gumaacha guddaa kan taasisan qaamolee xiyyeeffannaa barbaadan
buuura taasisuun Ogeessota TQO sadarkaa sadarkaan jiraniif, itti fayyadamtoota sirna hoggansa raga
raawwii sadarkaa sadarkaan jiraniif leenjiin akka kennamu ni taasifama.

TQO n Misoomaf !

29

6. Kallattii (mala) Hojiirra oolmaa isaa


Leenjii barbaachisaa sirna raga raawwii irratti kennuun, Shaakallii(pilet test) SMBKT irratti sirna
hoggansa raga raawwii gutumaa gututti akka naannoo keenyaatti itti fayyadamuun hanqinnaalee
shaakallii keessatti mulatan qixa barbaadameen addaan baasuun hojii irra oolmaa SMBKT tiif sirni
hoggansa raga raawwii gaee isaa akka taphatu gochuu dha.

7. Ga'ee fi Angoo ojii Sirnichaa


7.1 Ga'ee Wajjira Siivil Sarvisii fi Bulchiinsa Gaarii Godinaaleefi
Aanaalee
ogeeeyyin TQO seektara siivil sarvisii fi bulchiinsa gaarii abbummaan hojii irra oolmaa sirnichaatiif ga'ee
qindessummaa fi deeggarsaa hordoffiii qabaachuu qaba. Kana jechuun leenjiin kennamu, orenteeshiniin
kennamu gama qindeessummaa ogeessota TQO waajjirichaatiin ta'a
7.2 Ga'ee Seektaroota Godinaalee fi Aanaalee
Walitti dhufeenya gaariin gama sirnichi hojii irra ooluu danda'uun rawwattoota seektarichaatiif leenjii
barbaachisaa kennuu fi hojiilee ogeessota TQO Waajjira Siivil Sarvisii fi Bulchiinsa Gaarii Godinaalee fi
Aanaalee waliin hojjachuu

TQO n Misoomaf !

30

3. Jechoota fayyadamnu
Ragaa buuuraa / Baseline: - Ragaa buuuraa jechuun hojiin tokko
amma sadarkaa kamirra akka jiru daataa nu beeksisuudha.
Manii / Target : - Humna / dandeettii mana hojichaa, gara fuulduraatti
misooma

buuura

godhachuun

kan

aggaamamuufi

yeroo

murtae

keessatti milkaaina galmoota tarsiimoaa irraa eegamu yoo tau galma


mulata keenyaa bira gahuuf yaadne buuura kan godhatee dha.
Raawwii/

Achievement:

Raawwiin

kun

immoo

yeroo

jedhame

keessaatti hojiiwwan hojjetaman sadarkaa akkamiitti kan jedhu kan


keessatti ilaalludha.
Raawii

waliigalaa/Performance

:-

Ragaa

buuuraafi

Manii

giddu

galeessaa godhachuun hojiin lakkawamee kenname akkamitti akka


raawwatame kan madaalamuudha.
Ofummeessa SMBKT/BSC automation:- Ragaa (data) fi odeeffannoo
(information) bifa salphaa fi ifaa taeen Hojiiwwan BSC sadarkaa 1ffaa tii
hanga 6ffaatti akkasumas 8ffaatti qophaaan gara hojii guyyaa guyyaatti
jijjiiruuf sirni raawwii itti fufiinsaan hogganuu ykn bulchuuf qophaae
baafata xiqqaa/ submenu: baafata yogguu ittii fayaadaman baafata isaa
walii gala osoo hin tain baafa isa guddaattii anee mulatu dha.
hojeeffama deetaa/ data processing: Kutaan kun kutaa ol aanaa
hojiiwwan garagaraa keessatti hojjetamaniidha.
fooyya'aa/Version: - jijiiram moseejii fi hardii weerii yeroo yeroon
uumamu.
TQO n Misoomaf !

31

Lammii/Uummata/customer/ :-Jechuun haawwaasa naannichaa akka


waliigalaatti jiraataa Baadiyaa fi

magaalaa kan hammatu yoo tau,

akkasumas Abbootii qabeenyaa fi Kontraakteroota biroo tajaajila nurraa


barbaadan ni dabalata. Lammiin kun tajaajilaa saffisaa fi qulqullina
qabuu kan nurraa eegaanidha.
Bajataa(Faayinaansii): Kallattiin madaallii faayinaansii jechuun qabeenya
mallaqaa fi fiiziikaalaa taee baajata mootumaa, gargaarsa Arjoomtoota
irraa argamu, galii abbootti qaqbeenyaa irraa argamu, galii hirmaannaa
ummataatiin argamuu fi madda galii Mit-Mootummaa irraa argamu yoo tau,
qabeenya muraasa jiru kana qusannaan hojii misoomaa irra olchuun fedhii
uummataa guutuun kan itti dandaamu tauu isaa kallattii ittiin ilaalamuu
dha.

Adeemsa Hojii Keessaa(IBP): Jechuun sirna waliigala adeemsa raawwii


hojii, saffinaa, gauumsaa fi qulqullinaan raawwachuuf diriirsuun, gaaffii
maamiltootaa fi dhimmamtootaaf deebbii hatattamaa kennuundha.
Akkasumaas buaaleen kallattii madaallii maamilaa fi faayinaansii keessaatti
eeggaman akka uumaman iddoo itti taasifamuu dha.
Ijaarsa
dandeettii:Jechuun
dandeettiin
raawwachisummaa
raawwattoota mana hojichaa sadarkaa adda addaatti argaman akka
cimu, dhiyeessii fi itti fayyadama teekinooloojii ammayyaa kan
hammatuu dha. Keessattuu qabeenyi humna namaa beekumsa,
dandeettii fi ogummaa, ilaalcha, aadaa hojii isaatiin jijjiiramee galma
gahiinsa ergama mana hojichaatiif shoora olaanaa taphachuu akka
dandau kan ittiin taasifamuu dha.
Uunka hojeeffamaa(process sheet) :- Odeeffannoo dheedhii galaniif
fudhatee foormulaa garagaraa fayyadamuudhaan bajataafi yeroo raawwii
giddugaleessa godhachuun manii kaaame irratti hundauun rawwi
(Performance) safaruuf kan gargaaruudha.Kutaan kun gabaasaaf (Output
sheet) dhaaf akka inputitti gargaara.Kutaan kun odeeffannoon iddoo itti
hiikamuufi, manii, ulfina safartuulee fi odeeffannoo dheedhiin iddo itti
galuudha. Kanaaf of eeggannoo cimaa idoo barbaaduudha. Kanaaf kutaa
kana seenuuf password barbaachisa.
Uunka naqaa Deetaa(input sheet) Foormiin kun raawwataan bakka
bue(hoogganaan) daataa hojii sirritti hojjetame iddo itti galchudha.
Unka gabasaa Deetaa(output sheet)
Kutaan kun kutaa dhumaa
Automeeshinii taee raawwataan, Adeemsi, akkasumas Biiroon haga
karoorfaterra hagam akka raawwate kutaa itti dhiyaatudha.Kutaa kana
keessatti odeeffannoon bilchate/processed tae bifa giraafii, gabateefi
TQO n Misoomaf !

32

fakkii tiin iddoo itti dhiyaatudha.Ciminaafi hanqinoota raawwii sadarkaa


sadarkaadhan jira kan keessatti ilaallee kallattii gara fuula duraa itti
murteesinuudha.Gara fuula duratti maal gochuu akka qabu kan itti of
ilaaluudh
Geessituu(link):- Geessituu gara tokko fudhanii gara bira geessaan ykn
walqabsiisanii dha.
Kaayyoo tarsiimoo(objectives):- kaayyoo

wanta tokkoo hojechuuf

kaame jechudha.
Iggataa(password) :- mirga faayilii tokko banuuf gafatamu.
Caatoo:- Graph(argiisiiisa grafiii dhan argisiifamu)
Hiriirfama(alignment):- Haariiroo ykn waliti hidhaminsaa kaayoolee fi
safartuwwaan jala kase amma gubbaatti jiru. Fkn

Gandaa

hangaa

Biirootti.

Goolaba

Sadarkaa 7

ffaa (Sirna

qabiinsa ragaa raawwii Diriirsuu) kanatti sirna qabiinsa

ragaa isaa guutumaan guututti koomputaraan akka deeggaramu sadarkaa itti


taasiifamuu dha.
Sirna Ragaa Raawwii diriirsuu kana diriirsuuf filannoowwan adda addaa kan
jiran tauullee; akka Bulchiinsa Mootummaa Naannoo oromiyaatti

yeroodhaaf

kan filatamee Excel Application yommuu tauu. Sababiin isaas baasii kan
qusatuu fi bifaa salphaa taeen namnii kamiyuu iddoo jiruttii yeroo kamiyuu itti
fayyadamu kan dandauu ta uu isaati.
Sirni Ragaa Raawwii Diriirsuu kun kutaalee gurguddoo afur qaba:Baafata/Menu,Uunka Naqa /Input sheet,Uunka hojeeffama / Process
Sheet,Uunka Baha /Output sheet dha.
Walumaa galatti buaa qorannoo kanaa sirna kenna tajaajilaa saffisaa fi
qulqulina

qabu

diriirsuu

fi

ammayyeessuun

imaammataa

fi

tarsiimoo

misoomaa, sirna dimokiraasii fi bulchiinsa gaarii dhugoomsuudhaaf yaadamee


karoorri guddinaa fi tiraanisfoormeshinii akka biyyaattis tae akka naannootti
TQO n Misoomaf !

33

qophaae

galmaan

geessisuu

keessatti

Sirni

qabiinsa

ragaa

raawwii

Diriirsuu(automation )n qooda olaanaa qaba.

Qopheessiitoota
Maqaa

Biiroo

1. Abdulfattah Kamaloo EMTQOO


2. Dajanee Hundeessaa M/M/Waligala oromiyaa
3. Fiqaadu Caala
Biiroo Qonna oromiyaa
4. Guutaa Idaaa Biiroo Albudaa fi bishaan
5. Mahammad Abdulrahiim EMTQOO
6. Marara Zerihun Biroo N/B/garii oromiya
7. Nugusee Qaarsisaa Biiroo Gejiibaa fiM/magaala
8. Tarreechaa Xaafaa Biiroo Eegumsa Fayyaa
9. Waynisheet Kebbaadaa B/ Dargaagoo fi Ispoort
10. Yilmaa Tadessee BSSBGO

TQO n Misoomaf !

34

You might also like