You are on page 1of 17

Dhaabbata Raadiyoofi Telebijiinii

Oromiyaa
Qajeelfama Sagantaa Muldhis Marii

Qopheessaa:Korree Shaanqullee

Adaamaa,
Adoolessa, 2006

Qajeelfama Muldhis-Marii (Talk Show)/Ardaa Marii


Haala Waliigalaa
Mariin amala hawaasummaa qaba. Hawaasni keenya manattis alattis
nimariata. Mariin guyyaa mara rakkoo furti; baldhoo akka muuxannootti
daddabarsiti. Guyyaa keessa bara teknoolojiin tole, marii sabaahimaadhaan amba baldhaatti qabatanii bahuun barame. Maqaa muldhismarii (yoo akka jirutti hiikne) itti moggaasan; warri nu dura sabaa himaa
qabaatan. Warri Ameerikaa Talk Show jedhuun; warri Ingiliizii ammoo
Chat Show jedhanii waamu. Warri hafanis akkuma afaan isaanii gara
garaa maqaan bifiyyee akka kanaatti moggaasan heddu. Mariin bifiyyee
hawwataafi miidiyaalee addunyaa keessatti barame.
1. Barbaachisummaa Qajeelfamaa
Aadaa sabaa himaa kamiyyuu keessatti hojmaanni sirriin kan
qajeelfama qabu waan taeef, sabaa-himaa keenya keessatti qajeelfa
keenya sirreessuun hojmaata keenya sirreessa,
Qajeelfamni hojii jiraannaan warra amma hojitti seenaniifi kan
keessa turanillee hojii sirraawaa seera qabeessa akka hojjatan
gargaara,
Sirna iftoomaafi itti gaafatamummaa qabu diriirsuun, haala hojiin itti
hojjatamu mijeessuuf qajeelfamni buaa qaba.

2. Kaayyoo:
Akka ragaaleen muldhisanitti hojiin qajeelfama hinqabne balbala heddu
qabdi. Namni itti tole balbala mataa ofii baafatee akka fedhetti hojjata.
Karaan yookaan hulaan martuu sirriidha. Qabiyyeen tokko bifiyyee gara
garaan hojjatamuu mala. Bifiyyeen tokko garuu, yoo haala qabiyyee itti
dhiheessaniin hamma tokko fooyyesse malee, ofiif jijjiiramuu hinqabu.
Kanaaf, kaayyoon qajeelfama kanaa:
Sagantaan muldhis-marii (Ardaa Marii) bifiyyee duraan qoratameen
akka hojjatamu karaa qabsiisuun daangaa itti gochuuf,
Bifiyyee haala kamiinuu dirqamnee yookaan fedhii keenyaan
jijjiiruun naamusa ogummaa kabajuu dhabuu akka tae agarsiisuuf,
Yeroo sagantaa kanaaf ramadame keessatti, qophiin bifiyyee
kamiinuu hojjatame akka darbuu hinqabne qajeelfamaan ittisuuf,
Matadureen tokko sia meeqa yookaan kutaa meeqa qofa akka tauun
tamsau murteessuuf,
Hirmaannaan hawaasaa gajjallaa jiruu, beektotaafi gaggeessitootaa
daangaa akka qabaatu gochuuf,
Hojmaata

sabaa-himaa

hammayyessuuf.

keenyaa

/dhaabbata

keenyaa

Kaayyoon bifiyyee kanaa garuu dhimmoota jireenya ilmaan namaa


keessatti rakkisaniifi gaarii taan mariidhaan fala barbaaduufi
muuxannoo qooduudha.
3. Galma
Hojmaata hammayaawaa itti gaafatamummaa qabu diriirsuun sagantaalee
hojjannu fooyyessinee amanamummaa ummata biratti qabnu dabaluu.
4. Daangaa Qajeelfamaa
Qajeelfamni kun imaammata gulaallii Dhaabbata Raadiyoofi Telebijiinii
Oromiyaatin walitti hinbuu. Waan walitti buuun qabaannaan, kan
fudhatamu imaammata gulaallii DhRTVOti.
Kutaa Tokko
1.1. Mataduree Qajeelfamaa
Qajeelfamni kun ammaa achi qajeelfama muldhis-marii jedhamee
waamama.
1.2. Hiikkaa Jechootaa
1.2.1. Keessummaa/Keessummoota:

qajeelfama

kana

keessatti

keessummaa/keessummoota jechuun warra marii istuudiyoo irratti


hirmaatan,

1.2.2. Dhageeffataa/daawwataa: warra mana isaanii taaanii bilbilaan/ergaa


barreeffamaan hirmaataniifi walumatti qabaan warra kallattiin
marichi dhihaatuuf,
1.2.3. Keessummeessaa: gaazexxeessaa/gaaxexeessituu waltajii istuudiyoo
irratti keessummaa/keessummoota mariisisu/mariisistu,
1.2.4. Gaaf-deebii: gaafii keessummeessaan dhimma marii yookaan seenaa
namaa irratti keessummoota marii irratti hirmaatan gaafatu,
1.3. Koornaya
Jechoonni qajeelfama kana keessatti Koornayaa tokko himuuf haajaa itti
bahame, koornayaa biraatis hinqoodan.

Kutaa Lama: Adeemsa Qophii Muldhis-marii


2.1. Qophii Dursaa (Preproduction)
Qophii kana yoo qopheessitu yaada marii bilcheessuufi sabaa-himaadhaan
ummatatti achi bahuun dura yeroo baayee kan sirraa fudhatu qophii
dursaa tauu qaba.
2.1.1. Mataduree/dhimma haarawaafi kan qalbii namootaa qabu filadhu,
2.1.2. Seenaa/dhimma marii dursii barreeffamaan gulaalaa keetti agarsiisi,
2.1.3. Mataduree marii/seenaa marii akkaan qopheeffadhu,
2.1.4. Faayidaa mataduree/dhimma kanarratti mariachuu hubadhuu
hubachiisi,

2.1.5. Gaafiiwwan yeroo marii ati gaafattu haala gaariin qopheeffadhu,


2.1.6. Yaada kallattii gara garaa mataduree san irratti namoonni kaasan
(kan qoratame-fakkeenyaaf yaada dogongoraan kau, yaada beekaa
namoonni kaasan, yaada saayinsawaa jechuun tarreessi),
2.1.7. Tartiiba yaadaafi cuunfaa yaada/dhaamsa guyyaa san darbuu duraa
duubaan kaayi,
2.1.8. Tooftaawwan marii eegaltee ittiin xumurtu qabaadhu (Gabatee
dhuma qajeelfama kanaatti hidhame ilaali),
2.1.9. Qorannoo

dhimma

muldhis-marii

dubbisuun,

iyyaafachuun

hojjachuu,
2.1.10. Dhimmoota mariif taan ogeeyyii kutaa waliin sirritti mariachuu,
2.1.11. Namoota/keessummaa

muuxannoo

jireenyaafi

beekumsa

cimmisatan kan namootaaf barumsa dabarsan filadhu,


2.1.12. Dhimma/seenaa marii hanga ogeessi dhimmicharratti muuxannoo
qabu beeku atis beekuuf carraaqi; akkas tauu baannaan walakkaa
mariitti liqimfamtee gara itti baatu dhabda,
2.1.13. Dhaamsa/ergaa marii keessa hawaasaaf darbu adda baasuu,
2.1.14. Dhiibbaa alaa dhufu irraa walabummaan karoorsanii hojjachuu
[qaamni kamiyyuu editooriyaalii keenyarratti dhiibbaa gochuu
hindandau],

2.1.15. Yaada marii qabatamaa ummata fayyaduufi waan qabatamaa


hintaane,

adda

hinbeekkamneen

fooyachuu
darbuu

[dhimmoota

malan

dursanii

marii

irratti

karaa

akeekkachuun

itti

qophaahuun dirqama],
2.1.16. Kutaan hawaasaa dhimmi marii isa dhaqqabu martuu maricharratti
bilbilaan yokaan ergaa gabaabaa barreeffamaatin akka itti hirmaatan
mijeessuu,
2.1.17. Dhimmoota marii fagotti karoorsanii beeksisa itti hojjachuun
hirmaataa dadammaqsuu,
2.1.18. Gaafiiwwan yeroo marii dursii baafadhuu; gaaf-deebii bifa nama
hawwatuun hojjachuu,
2.1.19. Kutaa hawaasaa istuudiyoo keessatti hirmaatuu qabu filachuu,
2.1.20. Yoo marii irratti kan dhihaatu seenaafi muuxannoo namaa tae,
dursanii keessummaa san faana gaaf-deebii hinwaraabamne
hojjachuu,
2.1.21. Sonni uffata namootaallee miidhagina mariitiif bareeda; hirmaattota
marii keetiitiif kana dursii eeri akka itti qophaahan (TV yoo tae),
2.1.22. Lakkoofsa hirmaattota marii daangessi; yoo lakkoofsi namoota
mariatanii xiqqaa tae hirmaannaan marii keessatti qaban/carraan
dubbachuu nidabala (TV yoo tae),

2.1.23. qorannoo maalee hinmariisisin,


2.1.24. karoora malee hinmariisisin,
2.1.25. qunnamatiin ati hirmaattota/keessummaa duukaa qabdu kan hojii
qofa,
2.1.26. karoorri kee akka mirkanaaeen beeksisa hojjadhu akka
daawwataan/dhageeffataan siaawu,
2.1.27. karoorri mirkanaaee beeksisa qophii erga hojjatteen booda waan
humnaa oliin kan jijjiirtu taanaan dhageeffataa/daawwataa dhiifama
osoo hingaafanne hinjijjiirin,
2.1.28. yeroo maraa karoora ofeeggannoo qabaadhu,
2.2. Yeroo Marii (Production)
Marii keessatti haalli keessummaafi ati itti teessan qalbii warra
daawwatuullee qabata (TVf). Dhimma marii sirritti beekuufi himuunis
akkasuma buaa qaba. Dhimmota armaan gadii kanatu jabeeffamee
qabamuu qaba yeroo marii.
2.2.1. Haala teessuma muldhis-marii/ardaa marii hirmaattotaafi waltajjii
kan nama hawwatu godhi,
2.2.2. Angoon kan keessummeessaa marichaati waan taeef, erga maritti
aseennamee,

haa

dheeratuu

hirmaattonni dirqisiisuu hinqaban,

haa

gabaabbatuu

jechuun

2.2.3. Mataduree marii/seenaa marii afaan namni kamiyyuu beekuun sirri ibsii
hirmaattonni kee achi keessaa akka hinbaane daangessi,
2.2.4. Dhageeffattoonni/daawwattoonni qophichaa ergaa darbu akkaan akka
hubatan hirmaattonni/keessummoonni/keessummaan kee jechoota afaan
biraa akka hinfayyadamne dursii waliigali,
2.2.5. Gaaf-deebiin keetis dhimma/mataduree beeksisteen ala bahuu hinqabu,
2.2.6. Gaaf-deebii yoo hojjattu ibsa kennuun osoo hintaane, qajeelatti waan
gaafattu barbaadde gabaabsii gaafadhu; ibsa abbaan gaafatamuyyuu kennuu
mala waan taeef,
2.2.7. Namuu daqiiqaa kennamteef keesstti waan dubbatu jedhee irraa
buuu qaba,
2.2.8. Hooggansi dhimma marii eeggaluun sirrii miti; yoo tasa dhimma
ogummaafi maalummaa mataduree ibsuun barbaachisaa tae malee,
2.2.9. Keessummaa/keessummoota marii kan akkaan dubbatu/dubbatan
filadhu,
2.2.10. Yeroo

yaanni

itti

walharkaa

fuudhamu

daangessi;

kana

hirmaattota/keessummaa keetiif dursii ibsi,


2.2.11. Gaafiin gaafattu kamiyyuu kan qorannoo irraa madde tauu qaba,
2.2.12. Hirmaattota marichaa, yaada malee, gaafii yoo qabaatan yeroo
kennameef keesstti akka dubbatan afeeri,

2.2.13. Yeroo gaaf-deebiifi marii dursii murteessi,


2.2.14. Hanga keessummaan tokko waan barbaade dubbatee fixu teessee
hinilaalin; jidduu seenii carraa warra biraatif kenni yookaan gaafiin
duukaa bui,
2.2.15. Mariin namoota istuudiyoo seenan qofa osoo hintaane, warra mana
taauun daawwatu/dhageeffatus akka sirritti siif qabutti jidduu
seenaa yaadni gara garaa akka dhihaatu qajeelchi/gaafii gaafadhu,
2.2.16. Tartiibni marii akka jijjiiramne, dhaamsi darbus hingeeddaramne
dammaqinaan dhageeffachaa hordofi,
2.2.17. Yaadni dogongoraa yoo kae yookaan namoonni beekaa adeemsa kee
jijjiiruu yoo barbaadan, rifachuu osoo hintaane, osoo namuu narratti
hinbeekne mala akkamiin qajeelcha jedhii dursii itti qophaahi,
2.2.18. Namni dhimma kanarratti yaada qabu jiraa hinjedhin, kallattiin
abbaa dhimmi ilaallatuuf carraa kenni haa dubbatanii-hunduu waan
dhimmichi isaan ilaallatuuf dhufan malee taajjabuuf miti,
2.2.19. Duudhaa hawaasaatin kan walsimu taanaan qoosaa/baacoo jidduu
buusuun marii finiinsa; dhageeffataas hawwata,
2.2.20.

Keessummeessaan/mariisisaan dhimma marii irratti fedhii

cimaa qabaachuufi humna cimaadhaan akkasumas sagalee gaariin

yoo dhimmicha beeksisaa, hirmaattota afeeraa adeeme, xumura


irrattis haaluma sanaan goolabnaan qophichi miira namaa qaba,
2.2.21. Kaayyoon kee hirmaattota/keessummaa marii beeksisuu taanaan
isaan sirritti beeksisi (yeroo tokko tokko seenaan namootaa dhimma
marii taa waan taeef); kaayyoon kee mataduree beeksisuu taanaan
akkaan beeksis. Namoota kan beeksistuuf faarsuuf osoo hintaane,
beekumsa

mataduree

marii

irratti

qabaniifi

dhimmichatti

dhihaachuu isaanii hubachiisuu malee, waan isaan qaban mara


beeksisuuf siif hinhayyamamu,
2.2.22. namoonni/keessummoonni kee akka sitti hiikkatanii dubbatan
malee akka yeellaan/qaanaan/ceeran gochuu hinqabdu,
2.2.23. namani namummaa isaatin malee aangoo, saalaan, bakka irraa
dhufeen, amantiin yaadni kennu daangahuu hinqabu,
2.2.24. hirmaattonni

yeroo(time

allotted)

yaada

ittikennan

walhincaalchisin,
2.2.25.yaada hanqina hojiifi hojmaataa yoo taes hanga namni dubbatu
xumurutti utaaltee afaanitti hinqabin,
2.2.26. namni yaadni na hafe jira jedhu jiraa jettee hingaafatin; namni
yaada hinqabu hinjedhu-carraas walcaalchisa,
2.2.27. yaada kee namatti hinfein,

2.3. Xumura (Postproduction)


2.3.1. Dhimmi marii tokko karaa nama hinmamsiifneen goolabamuu qaba,
2.3.2. Mariin mataduree yookaan seenaafi muuxannoo nama dhuunfaa
tokkorratti tauu mala. Yoo lachuu, ati sagantaa kee xumuruun dura
waan ijoo marii irraa dhaggeeffataa/daawwataan fudhachuu malu
qabsiisi,
2.3.3. Mataduree tokko kutaa tokkoo ol qilleensarra tursiisuun hintau,
2.3.4. Qophii biraa bakka qophii kanaa tamsaasuun waan hinmalle,
2.3.5. Muldhis-marii waltajjii gabaasni sektarootaa itti dhaggeeffatamu
tauu hinqabu,
2.3.6. waldiddaa yaadaa osoo walitti hinaraarsin bahuun dhoowwadha,
Kutaa Sadaffaa: Waaee Keesummeessaa/Mariisisaa
3.1. Keessuummeessaa/Host
3.1.1. Sagantaan marii keessummeessitoota lama yookaan keessummeessaa
tokko kan sagantaa kanaan beekkaman/beekkamu qabaachuu qaba,
3.1.2. Keessummeessan/keesuummeessituun aadaa awwaattoo taee/taatee
waanuma barame irra deddeebiuu osoo hintaane, aadaa duubbisuufi
qorachuu qabaachuu qaba/qabdi,
3.1.3. Kaayyoo murtaae malee gaaf-deebii gaafachuurra carraa warra
dubbatuuf kenni,

3.1.4. Dhimma marii/keessummaa seenaafi muuxannoo isaa himu hanga


dhageeffataafi daawwataan beekuu ol beekuu,
3.1.5. Dandeettii battalumatti dubbii hubachuufi mala dhahuu qabaachuu,
3.1.6. Keessummeessaan tibbaafi (charisma) arnya (authority) qabaachuu
qaba,
3.1.7. Dandeettii afaanii cimaafi daddafee dubbachuun miira gaarii
daawwataa/dhaggeeffataa istuudiyoo keessaafi alaatis sissieessuu kan
dandau tauu qaba,
3.1.8. Dandeettiin mariisisa/mariisistuu dhimma marii kaasuu yookaan
kuffisu dandaa waan taeef dandeettii qabaachuun dhimma ijoodha,
3.1.9. Keessummeessaan/mariisisaan kan dafee dhimma marii hubatu, kan
battalumatti murtii kennu, kan yaada tartiibessee dhiheessu, kan
oguma waliigaltee hawaasummaa qabu, kan muuxannoo sabaa-himaa
qabu, kan sagalee bareedaafi dandeetti waa uumuu qabu tauu qaba,
3.1.10.Keessummeessaan/mariisisaan bakka tokko qofa taaee mugaa ooluu
osoo hintaane, akka garaa isaatti asiifi achi sosochoaa marii
sissieessuu qaba,
3.1.11. Mariisisaan/keessummeessaan afaan dogongora hinqabne, jechoota
filatamaa kan dubbatu irraa bareedu, kan uffatu irraa miidhagu tauu

qaba (sababiin isaa dhageeffataa hunda beekaa si caaluufi kan


mataduree san barachuu qabu maratu si hordofa),
3.1.12. Mariisisaan/keessummeessaan mariidhaaf yookaan akka namoonni
dubbatanii warri biraa irraa barataniif yookaan muuxannoo argataniif
haala mijeessa/ssiti malee, abbaa dhimma marii taee/taatee yaada ofii
namoota irratti feuu hinqabu/qabdu,
3.1.13. Keessummeessaan/mariisisaan muuxannoofi leenjii gaazexeessummaa
gahaa yoo hinqabaanne mariisisuu hindandau.
Kutaa Afur: Qajeeltoo Naamusa Ogummaafi Seeraa
4.1. Naamusa Ogummaa
4.1.1. Gaaf-deebii keesstti yookaan yeroo marii daawwataa/dhaggeeffataa
kofalchiisuuf jecha dhimma mirga namaatti si buusisu hindubbatin,
4.1.2. Gaaf-deebii yoo hojjattu hima salphaa namaaf galuun akkasumas
osoo hiniyyine gaafadhu,
4.1.3. Yeroo yaada namaa addaan kuttu maaltu na dhibeen osoo hintaane
malaan tauu qaba,
4.1.4. Yoo faayidaa ummataafi biyyaatiif tae malee, dhimma marii tokko
istuudiyoo keessaa erga bahanii waliigaltee namoota muraasaafi
faayidaa isaaniitif jecha marii keessaa baasuun atooma ogummaa si
dhabsiisa,

4.1.5. Hariiroon ati namoota marii irratti hirmaatan wajjiin qabdus daangaa
qabaachuu qaba-kaayyoo mariitif qofa walitti dhufuun filatamaadha,
4.2. Mirgoota Namaa
4.2.1. Kaameeraan roga hinmalleen waraabee iccitii namaa baasuu
hinqabu; yoo tasa wanti akkasii uumames yeroo gulaallii bahuu
qaba,
4.2.2. Marii sagalee qofaa yoo taes, namoota biraa kofalchiisuuf jecha
daangaa mirga dhuunfaatti buuun dhoorkaadha,
4.2.3. Dhageeffataan mirga odeeffannoo argachuu kan heeraan tumameef
dhoorgatamuu hinqabu,
4.2.4. Hirmaataan/hormaattonni mirga yaada isaanii ibsachuu kan
heeraan tumameef kabajuun dirqama,
4.2.5. Yaadni hirmaataa/keessummaa biraa kau faayidaa biyyaa,
ummataa, dargaggoo, dubartii, kanabiraatti kan buu tauu gulaalaa
kee wajjiin osoo hinmarianne cituu/bahuu/daangahuu hinqabu,
4.2.6. Namoonni muraasni yeroo dheeraa dubbatanii yookaan itti
deddeebianii carraa argatanii warra kaan carraa dubbii
dhoorkachuun yeroo mariifi yeroo gulaalliitis dhoorkaadha,
4.2.7. Dhimmoota faallaa imaammataa taan kamiyyuu irratti mariisisuun
dhoorkaadha,

4.2.8. Dhimmoota heeraafi seera biyyattiitin walitti buan kamiyyuu irratti


mariachuun dhoorkaadha.
Kutaa Shan: Qajeeltoowwan Garagaraa
5.1. Hojiirra Oolmaa Qajeelfama Kanaa
Qajeelfamni kun guyyaa manaajimantiin DhRTVO akka hojiirra oolu
murteessee kaasee hojiirra oola.
5.2. Haala Qajeelfamichi itti Fooyyau
Qajeelfamni kun yeroo hundaa jijjiramni hojmaataa barbaachisaa taanaan
murtee manaajimantii dhaabbatichaatiin jijjiiramuu yookaan fooyyauu
dandaa.
5.3. Daangaa Itti Gaafatamummaa
Qajeelfama kana yookaan seerota qajeelfamni kun irraa madde cabsuun
seeraan nama gaafachiisa. Seeronni mirga odeeffannoofi pireesii
akkasumas seerri yakkaa qajeelfama kanaan kabajamaadha.
5.4. Sadarkaa Itti Gaafatamummaa
Qajeelfamni kun yoo cabe qopheessaa yookaan akka qajeelfama kana
keessatti ibsametti keessummeessaan komii kamiifuu itti gaafatamummaa
qaba. Qabiyyee tamsaee komiin itti dhihaateef, gulaalaan muummeefi
daarektarri itti gaafatamummaa qabu.

5.5. Gabatee/Unka Karoora Muldhismarii


1.
2.
3.
4.
5.

Mataduree Marii: ________________________________________________


Mariisisaa/Keessummeessaa: _________________________________
Guyyaa Marii: _____________________________________________________
Dheerina Yeroo Marii: ___________________________________________
Seenaa Gabaabduu Hirmaattotaafi Gaafii Marii.

Maqaa Hirmaattotaa

Beekumsaafi muuxannoo qaban

6. Gaafiiwwan Hirmaattonni gaafataman


Seensa

Mataduree marii fi hirmaattota beeksisuu

Gaafii #1
Hirmaataa
Gaafii #2
Hirmaataa
Gaafii #3
Hirmaataa
Xumura

Guduunfaa yaada marii

Yookaan mataduree muyoo (subtitles) fayyadamuun namoota achirratti yaada kennan


duukaa karoorsuun nidandaama.
Mataduree: Kiraa Funaanuu
Mataduree muyoo
(subtitle)
Maalummaafi haala ittiin
muldhatu (features)
Labsiileefi seera
Gahee qooda fudhattootaa
Barnoota hubannoo cimsu

Ogeeyyii yaada kennan

Beekumsaafi
Muuxannoo qaban

You might also like